Finfinnee, Ebla 17, 2017 (FMC) – Dinagdeen Kaalifoorniyaa addunyaarratti guddina dinagdeen sadarkaa 4ffaa irra kan turte kan Jaappaan caaluun himameera.
Akkaataa ragaa Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa fi Biiroo Xiinxalaa “US Economic” irraa argameen dinagdeen kutaa Bulchiinsaa Kaalifoorniyaa bara 2024tti punishable dinagdee waliigalaa biyya keessaa Doolaara Tiriiliyoona 4.1 galmeessiteetti.
Kanaanis tarree biyyoota addunyaa dinagdee guddaa qabanii keessaa sadarkaa 4ffaarra kan jirtu Jaappaaniin caaluun ishee ibsameera.
Kaalifoorniyaan Ameerikaa keessatti qooda guddaa oomisha manufaakcharingii fi qonnaa kan qabatte yoo ta’u, addunyaarratti giddu gala Indaastirii bashannanaa fi biyyaattiitti bakka argama odolawwan galaanaa lamaa ta’uunis ibsameera.
Akkasumas kalaqa teeknooloojiin adda dureedha jedhamte.
Bulchaan Kaalifoorniyaa Gaaviin Niwusoom bu’aa galmaa’e raajeffatanii, garuu imaammatni dinagdee federaalaa guddinicharratti dhiibbaa fiduu danda’a jechuun sodaa qaban ibsaniiru.
Jaappaaan sababa hir’achuu baay’ina uummataa fi dulloomuun humni namaa hir’achuu fi baasiin kunuunsa hawaasummaa dabaluun dinagdee ishee dhiibbaa jala galchuu BBC’n gabaaseera.
Tarree dinagdee guguddaa addunyaa keessatti Ameerikaan jalqaba irratti kan argamtu yoo ta’u, Chaayinaa fi Jarman sadarkaaalee itti aanan qabataniiru.
Heelan Taaddasaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia