Dooktar Abiy Ahimad Ministira Muummee Ittaantuu Ingiliz waliin mari’atan

Finfinnee, Guraandhala 10, 2017 (FMC)-Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ministira Muummee Ittaantuu Ingiliz Anjeelaa Reeynar waliin mari’atan.

Marii isaaniin dhimmoota ijoo gamlamee fi damee hedduu irratti marii bu’aa qabeessa taasisuu Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Itiyoophiyaa fi Ingiliz hariiroo cimaa fi seenaa dheeraa akka qaban kaasaniiru.

Daawwannaan Ministiraa Muummee Ittaantuu biyyattiis hariiroo kana daran kan cimsu ta’uu ibsanii, fuuldurattis yoo ilaalame, tumsa siyaasaa fi dippiloomaasii jiru caalaatti babal’isuun walta’iinsa daldalaa fi diinagdee akka dabalu himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment