Dooktar Abiy Ahimad simannaa hoo’aa Ministirri Muummee Veetnaam taasisaniif galateeffatan

Finfinnee, Ebla 7, 2017 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad simannaa hoo’aa fi kabaja Ministirri Muummee Veetnaam Faam Miin Chiin wayita daawwannaa biyyattiitti taasisan godhaniif galateeffataniiru.

Itiyoophiyaa fi Veetnaam dhimmoota waloo wal isaan fakkeessu hedduu qabaachuu kaasaniiru.

Biyyoonni lamaanii ummataa hojiif kaka’umsa olaanaa qaban qabaachuu, misoomaa fi guddinaaf murannoo qaban, akkasumas adeemsa cichoominaan seenaan kan beekamaniidha jedhan.

Yaada waljiijiiruun keenya tumsa siyaasaa, dippiloomaasii fi diinagdee biyyyoota lamaaniif karra kan baneedha jedhan.

Ministirri Muummee Veetnaam Faam Miin Chiin yeroo dhiyootti Itiyoophiyaa wayita daawwatan warraaqsa waloo caalmaatti kan cimsinuu fi hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti kan cichoomsinu ta’a jedhan.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment