Finfinnee, Bitootessa 20, 2017 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ayyaana Iid Alfaxir waggaa 1446ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Iid Alfaxir ayyaana xumura Sooma Ramadaanaa ta’uu ibsan ergaa isaaniin.
Ayyaana gaarummaa, jaalalaa, waloomaa fi obbolummaati jedhan.
Ayyaana soomana baatii tokkoon booda dhufu, yoo uumaan eeyyame malee dandeettiin namaa murtaa’aa ta’uu mul’isu jedhan.
Ayyaana agarsiiftuu duudhaa gaarummaa fi gochaan tola ooltummaa ta’uu himaniiru.
Firummaa, gosa yookaa amantii osoo hin ilaaliin namni nama ta’uu qofaan gargaarumu.
Maaddiin Soomaa guutuu kan ta’u yoo gaarummaan itti dabalameedha.
Tola ooltummaa jechuun kan ofiirraa hirisuun kan biroof kennuudha.
Akka biyyaatti itti fufuu fi ummata walitti hidhuuf tola ooltummaan duudhaa murteesaadha.
Hundi keenya faayidaa fi mirga fira keenya qofa kabachiisuun qofa biyya ijaaruu hin dandeenyu.
Iid duudhaalee kanneen walitti hidha.
Maatii, Ollaa, hawaasaa fi abbootiin amantaalee wayita walitti qabaman duudhaalee kanneen caalmaatti akka babal’isan waamicha koon dhiyeessan jedhan ergaa isaaniin.
#Oromia #Ityoophiyaa