Finfinnee, Ebla 8, 2017 (FMC) –Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Yaa’ii P4G 2025 Veetinaamitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachuun haasawaa taasisaniiru.
Dooktar Abiy Yaa’ii P4G 2025 mata Duree “Ce’umsa Magariisaa Ummata Giddugaleffatee fi itti fufiinsa qabu” jedhuun gaggeeffamaa jiraachuun eerameera.
Dooktar Abiy yaa’icharratti dhimmoota jijjiirama qabeenya qilleensaaf barbaachisoo ta’an sadiirratti yaada kennaniiru.
1ffaa Maddonni dhiyeessii Maallaqaa Eegumsa qabeenya qilleensaaf kennamu,gahaa tilmaamamaa fi itti fufaa ta’uu isaa mirkaneessuu qabna jedhan.
2ffaa misooma waaraa tumsuu fi eegumsaa Soonawwan murteessoo ardichaaf taasifamu keessatti qoodni Afrikaan Invastimantii madda anniisaa addunyaarratti yeroo amma qabdu bara 2030tti gara %20tti guddisuu qabdis jedhan
3ffaan badii lubbuu qabeeyyii fi gammoojjummaa dachee qolachuun uumama eeguuf tarkaanffii ariifachisaan fudhatamuu akka qabus hubachiisan.
Hojiilee Ashaaraa magarisiaa uummataan hojjetaman maallaqaan deeggaruun fayyadamummaa fi haqa qabeessaa hawaasa naannawaa mirkaneessuuf of keessatti hammataa jedhan.