Dooktar Alamuu Simeen Giddugala Suphaa Geejjiba Paabilik Sarvisii daawwatan

Finfinnee, Amajjii 29, 2017 (FMC)- Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen Buufataalee Tajaajilaa fi Giddugaloota Suphaa Geejjiba Paabilik Sarvisii daawwataniiru.

Daawwannaa isaaniin tajaajila dhaabbatichaa fooyyessuuf hojiileen hojjetamaa jiran jajjabeessoo ta’uu gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Hojiileen fooyyessa terminaalota geejjibichaa yeroo gabaabaa keessatti xumuramuun tajaajila akka kennan akeekaniiru.

Akkasumas giddugaloonni suphaa xumuramaa jiran, lammiileef tajajajila saffisaa akka kennaniif hojiileen hafan yeroo gababaa keessatti akka xumuraman hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment