Finfinnee, Guraandhala 25, 2017 (FMC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootewoos Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Chaayinaa Cheen Haay waliin mari’ataniiru.
Marichaan, Dooktar Geediyoon haala nageenyaa fi tasgabbii Gaanfa Afrikaa fi Afrikaa ibsaniiru.
Ambaasaaddar Cheen Haay gamasaaniin, tattaaffii Itiyoophiyaan nageenyaa fi tasgabbii naannawichaaf taasiftuuf Chaayinaan deeggarsa kan gootu ta’uu mirkaneessaniiru.
Murtoowwan Fooramii Chaayinaa- Afrikaa irratti murtaa’an gara hojiitti akka hiikamaniif Chaayinaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Marichaan, daawwannaan jila hoggantootaa hedduun Chaayinaa fi Itiyoophiyaa gidduutti taasifamuun hariiroo gama maraa jiru daran cimsuu fi bu’aa qabeessa taasisuu eerameera.
Dhimmoota waloo idil-addunyaa irrattis yaada waljijjiiruu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia