Dooktar Kaasaahuun Goofeen Daayirektara Olaantuu Dhaabbata Daldalaa Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 12, 2017 (FMC) –Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasaahuun Goofeen Daayirektara Olaantuu Dhaabbata Daldalaa Addunyaa Nikoozii Aweelaa waliin adeemsa marii daldalaarratti marii bu’a qabeessa geggessuu ibsaniiru.

Dooktar Kaasaahuun gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, adeemsa raawwii marii gamlamee fi damee hedduurratti taasifame irratti ibsa kennuu himaniiru.

Akkasumas dhimmoota dhuunfaa fi waloon fuulduratti hojjetamanirratti mari’achuu eeraniiru.

Daayirektarri Olaantuu Dhabbatichaa gamasaaniin, Itiyoophiyaan Miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa taatee arguuf fedhiin qaban olaanaa ta’uu ibsuun, kanaafis deeggarsa barbaachiisu kan taasisan ta’uu dubbataniiru.

Gama biraatiin gareen Afrikaa fi miseensonni biyyoota biroo Marii miseensummaa Itiyoophiyaa akka deeggaran waamicha dhiyeessuu himaniiru.

Comments (0)
Add Comment