Dooktar Tasfaayee Baljigeen ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Ebla 11, 2017(FMC) – Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Ministirri Waamamaa Mootummaa Dooktar Tasfaayee Baljigeen ayyaana yaadannoo du’aa ka’uu Iyyesuus Kiristoos sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Dooktar Tasfaayeen Hordoftoota amantaa kiristaanaa hundaan baga ayyaana yaadannoo du’aa ka’uu Iyyesuus Kiristoosiin nagaan geessan jedhaniiru.

Ayyaanichi kan abdii, ce’umsaa, jaalalaa, waliif yaaduu, gaarummaa, gamtaa fi tokkummaa akka ta’u hawwaniiru.

Gooftaan dhukkubbii fi gidiraa dabarsuun fayyina nu dhaalchise mana keenyatti eebba, nageenyaa fi gammachuu nuuf yaa baay’isu jedhuun ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment