Finfinnee, Ebla 18, 2017 (FMC) – Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampi gita isaanii Yuukreen Vooloodmiir Zeleniiskii waliin Xaaliyaanii magaalaa Roomitti mari’atan.
Hoggantoonni lameen sirna awwaalchaa Hangafa Phaaphaasii Mana Amantaa Kiristaanaa Kaatoolikii Roomaa poop Firaansiis irratti argamaniiru.
Sirnichaan booda marii bu’aa qabeessa taasisuu, mariin isaanii waaree boodas kan itti fufu ta’uu Rooyitars gabaaseera.