Finfinnee, Amajjii 27, 2017 (FMC)-Dooniiwwan Xaa’oo kuntaala miiliyoona 1.1 fe’an Buufata Jibuutii qaqqabuu Koorporeeshiniin Hojiilee Qonnaa Itiyoophiyaa beeksise.
Hanga Amajjii 27, 2017tti xaa’oon Kuntaalli miiliyoonni 5 fi kuma 300 fi kumni 92 ol biyya alaarra geejjibsifamuun ibsameera.
Kana keessaa xaa’oon kuntaalli miiliyoonni 3 fi kuma 700 fi kuma 17 gara biyyaa keessatti galuun karaa Waldaalee Hojii Gamtaan qonnaan bultootaaf raabsamaa jiraachuun eerameera.
Dooniiwwan Xaa’oo kuntaala miiliyoona 1 fi kuma 600 fi kuma 75 fe’an Amajjii 27- Guraandhala 5,2017 Buufata Doonii Jibuutii kan qaqqaban ta’uu ragaan Koorporeeshinicharraa argame ni mul’isa