Finfinnee, Bitootessa 21, 2017(FMC)- Dudhaalee waliin jireenyaafi obbolummaa cimsuun nagaafi guddina biyyaaf waloon hojjechuun barbaachisaa ta’uu hirmaattonni kabaja Ayyaana Iid Alfaxir ibsan.
Hirmaattonni ayyaanichaa sooma Ramadaanaa hojiilee gaariin dabarsuu ibsanii, dudhaalee gaggaarii kana yoomiyyuu hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Dudhaa obbolummaa cimsuun nagaafi guddina biyyaaf waloon hojjechuun barbaachisaadhas jedhan.
Dudhaa tokkummaafi waliin jireenyaa hawaasaa duraan ture itti fufsiisuun guddina biyyaaf waloon tumsuun barbaachisaa ta’uus eeraniiru.
Dhimma biyyaarratti hawaasni hundi tokkummaa isaa cimsuu akka qabus hubachiisaniiru.
Heddummina keenya akka kennaatti fudhachuun ijaarsa biyyaaf oolchuu qabna jechuu isaanii TOI gabaaseera.