Finfinnee, Guraandhala 11, 2017 (FMC)- Dureewwan Yaa’ii 38ffaa Gamtaa Afrikaarratti hirmaatan gara biyya isaanitti deebi’aa jiraachuun ibsameera.
Haaluma kanaan Pireezidaantiin Bootiswaanaa Duumaa Bookoo fi Ministirri Muummee Kaameeruun Jooseef Jaan Guteen gara biyya isaanitti deebi’aniiru.
Hoggantoota kanneeniif Qondaaltoonni olaanoon Ministeera Dhimma Alaa gaggeessaa taasisuufi ragaan Ministeerichaarra argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia