EBS Dookumantarii Burtukaan Tamasgeen ilaalchisee dabarseef dhiifama gaafate

Finfinnee, Bitootessa 19, 2017 (FMC) – Teeleeviizyiiniin EBS Dookumantarii Burtukaan Tamasgeen ilaalchisee tamsaaseef dhiifama gaafateera.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan EBS obbo Amaan Fissahaatsiyoon dhimmicha ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Humni keessaa fi alaa haala qindaa’een gocha namuusa gaazexeessummaa sarbe raawwachuu ibsa kennaniin dubbataniiru.

Qopheessitoonni Dookumantarichaa ragaa gahaa osoo hin qabaatiin hojicha raawwachuu isaanii himaniiru.

Qophichi fuula miidiyaa hawaasummaarraa kan bu’e gaaffii Burtukaaniin ta’uu mirkaneessaniiru.

Sababa dookumantarichaan rakkoo uumameef obbo Amaan dhiifama gaafataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment