Ergaa Pireezidaantii Itti Aanaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Ebla 16, 2017 (FMC) –Itti Aanaa Pireezidaantiin Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah raawwii hojii baatiwwan saglan darbanii ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.

Bara 2017 Paartiin Badhaadhinaa qabeenyaan bara itti cime, sirna hojmaataa fi odeeffannoon kan gurmaa’e, dandeettii dhiibbaa uumtummaa isaa kan guddise ta’uu fi akka biyyaatti fudhatamummaan seenessaa mirkaneessuuf kaayyoo olaanaan qabatamuun hojjetamaa turuu eeraniiru.

Haaluma kanaan kurmaana 3ffaa keessa kaayyoo waloo fi yaadama ergamaarratti bu’uroomuun hojiilee idilee paartii, sosochii, Siyaasaa, Nageenyaa fi misoomaa karaa qindoomina qabuun raawwachuun milkaa’inoota hedduu galmeessuun danda’umuu kaasaniiru.

Dandeetti dhaabbatummaa caalmaatti guddisuun sirna hojmaata paartii cimsuu, gurmuuwwan ergamaaf ga’oomsuu, haala itti fufiinsa qabuun dandeettii raawwachiisummaa hoggansaa ijaaruu, tarkaanfiiwwan sirreeffamaa fudhachuun milkaa’inoonni qabatamaan galmaa’uu ergaa isaniin ibsaniiru.

Itti dabaluunis, ajandaawwan biyyoolessaa gurguddoo irratti hoggansa dhaaba keenyaa, miseensoota fi kutaalee hawaasaa adda addaa waliin marii walitti fufiinsa qabuun dhimmoota biyyoolessaa barbaachisoo ta’an irratti waliigaltee uumuuf tattaaffii taasifneen alattis, waltajjiiwwan irraa yaada furmaataa fi galteewwan ijaarsaa walitti qabuun kallattii hordofneen milkaa’inaan hojjechuu dandeenyeerra jedhan.

Dandeettii dhaabbilee keenya sadarkaa ol’aanaatti ceesisuuf sirna hojimaataan dhaaba keenya cimsuu, karaa itti fufiinsa qabuun dandeettii jaarmiyaalee keenya guddisuun, dandeettii hooggansaa fi miseensotaa itti fufiinsaan ijaaruu, madaallii hooggansaa gaggeessuu fi tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuu, raawwii hojii hoggansaa fi miseensotaa fooyyessuu irratti milkaa’ina qabatamaa arganneerra jedhaniiru.

Caasaa koochoo dargaggootaa fi dubartoota keenyaa cimsuu, dhimma biyyoolessaa irratti paartilee morkattootaa waliin tumsuu, akkasumas paartilee obboleettotaa biyya alaa waliin ta’uun kaayyoo waloo tokkoof haala qajeelfama qabuun dantaa fi ulfina biyyoolessaa tiksuun hojiin hojjetame bu’aa qabeessa ta’uus akeekaniiru.

Akkasumas, Yaa’iin Idilee 2ffaa Paartii Badhaadhinaa milkaa’inaan xumuramuu fi waggaa 5ffaa paartichaa yaadama namummaa fi nama irratti xiyyeeffate irratti xiyyeeffachuun kabajuu dabalatee bu’aa siyaasaa qabatamaa ta’e galmeessisuu isaa hubachiisaniiru.

Hojiiwwan bara baajataa kanaa hafan bifa karoorfame, qindaa’ee fi guutuu ta’een kan raawwatamu ta’uus, marii fi madaallii sadarkaa sadarkaan raawwatamu bifa rakkoo furuun raawwachuu akkasumas qulqullina fa’annaa miseensotaa mirkaneessuuf tattaaffiin akka taasifamu eeraniiru.

Gurmuuwwan dhaabaa ergama isaanii karaa bu’a qabeessa ta’een akka raawwatan gochuun, akkasumas hoggansaafi miseensota rakkoo naamusaa qaban qulqulleessuu fi filannoowwan jiran hunda fayyadamuun hojiiwwan miidiyaa fi qunnamtii bu’a qabeessa ta’an mul’isa hojjennas jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment