Faanaa miidiyaa Korpooreshinii fi Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo waliin hojjechuuf mari’atan

Finfinnee, Ebla 8, 2017 (FMC) – Faanaa Miidiyaa Korpooreshinii fi Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo haala waliin hojjechuu danda’anirratti mari’atan.

Hoji-raawwachisaa Olaanaan Faanaa Miidiyaa Korpooreshin obbo Adimaasuu Daamxoo, Faanaan muuxannoo hojii eegumsa naannoo hojjechuu irratti kanaan dura horate fayyadamee gara fuulduraattis hojiiwwan hedduu hojjechuu akka danda’u ibsaniiru.

Kaayyoo isaa irratti waliigaluun karoora waloo baasuun saffisaan hojjiitti seenuu haalli dandeessisu jiras jedhan.

Dabalataanis hojiin eegumsa naannoo dhimma ergamaa waan ta’ees miidiyichi ga’ee mataa isaa akka gumaachu hubachiisan.

Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo FDRI Injiinar Lalisee Nameen gama isaaniin, hojiin eegumsa naannoo hirmaannaa hundaa akka barbaadu kaasanii, miidiyaan ammoo qooda guddaa akka fudhatu ibsaniiru.

Hojiin eegumsa naannoo eegalame cimee akka itti fufuuf walga’iinsa bal’aa qabuun Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin waliin hojjechuu barbaannas jedhaniiru.

Hojiiwwan eegumsa naannoo irratti hojiin Faanaan hojjechaa jiru akuma jirutti ta’ee, hawaasni yaada isaa akka irratti kennuuf waltajjiiwan maree qohaa’uu akka qabus gaafataniiru.

Qaamoleen lamaan maree geggeessaniin dafanii hojiitti galuu akka qaban waliigalaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment