Finfinnee, Bitootessa 23, 2017 (FMC) – Fandiin Misoomaa Chaayinaa- Afrikaan ijaarsa Piroojektii Buufata Xiyyaaraa Itiyoophiyaa haaraa ijaaramurratti hirmaachuuf fedhii qabaachuu ibseera.
Chaayinaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Tafarraa Darribawu Pireezidaantii Itti Aanaa dhaabbatichaa Yuu Zhuurooy waliin dameewwan tumsaa biyyoota lameeniirratti mari’ataniiru.
Tumsa biyyoota lameenii cimsuufi hariiroo invastimantii guddisuun barbaachisaa akka ta’e Ambaasaaddar Tafarraa Darribawu ibsaniiru.
Buufata xiyyaaraa Itiyoophiyaa haaraa ijaaramu dabalatee dhaabbata Invastimantii Hooldiingisi Itiyoophiyaa fi Itiyoo-Telekoom ilaalchisee ibsa taasisaniiru.
Yuu Zhuurooy gamasaaniin, marichi tumsa biyyoota lameenii cimsuufi dameewwan tumsaa haaraa uumuuf akka dandaassisu kaasaniiru.
Dhaabbanni isaanii ijaarsa piroojektii buufata xiyyaaraa Itiyoophiyaa haaraa irratti hirmaachuuf fedhii qabaachuus mirkaneessaniiru.
#Oromia #Ethiopia