Fannoorraa dhiifama, qajeelummaa, gaarummaa fi kabaja baranna –Kaardinaal Abunee Birhaane Iyyesuus Suraafeel

Finfinnee, Ebla 10, 2017 (FMC) – Fannoo Iyyesuus Kiristoosirraa dhiifama, qajeelummaa, gaarummaa fi kabaja baranna jedhan Phaaphaasiin Mana Amantaa Kiristanaa Kaatooliikii Kaardinaal Abunee Birhaane Iyyesuus Suraafeel.

Ayyaanni yaadannoo Fannoo Iyyesuus Kiristoos Mana Amantaa Kiristaanaa Kaatoolikiitti kadhannaa, sagadaa fi Soomaan kabajamaa jira.

Phaaphaasiin Mana Amanttichaa Kaardinaal Abunee Birhaane Iyyesuus Suraafeel kabaja ayyaanichaarratti ergaa dabarsaniin, Fannoo Iyyesuus Kiristoosirraa dhiifama, qajeelummaa fi kabaja baranna jedhan.

Iyyesuus Kiristoos dhala namaa fayyisuu fi cubbuurraa qulqulleesuuf Fannoo baatee garafamuun gidiraa, dhukkubbii fi fannifamuun jaalalaa, kabaja, qajeelummaa fi dhiifama barsiisuu himaniiru.

Dhalli namaas dhiifama waliif gochuun walkabajuu fi waljaalachuu akka qaban dhaamaniiru.

Hordoftoonni amantichaa wayita ayyaana Sooma Hiikaa kabajan lammiilee harka qalleeyyii gargaaruun tokkummaa fi walummaan akka kabajan gaafachuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment