Finfinnee, Amajjii 27, 2017 (FMC)- Gaaffii misoomaa ummataa bu’uureffachuun inisheetiivonni hojiirra oolfaman bu’aa galmeessaa jiraachuu Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan dubbatan.
Gamaaggamni raawwii hojii paartiifi mootummaa baatiiwwan ja’an darbanii Naannoo Oromiyaa Magaalaa Adaamaa gaggeeffamaa jira.
Waltajjicharratti Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan haasawaa taasisaniin, galmoonni karoora imala badhaadhina biyyattii kutannoo hooggansaa fi hirmaannaa hawaasaa cimaan dhugooma jiraachuu himan.
Hojiilee fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf eegalamaniin milkaa’ina argame itti fufsiisuu fi qormaatilee muudatan maqsuuf xiiqiif qophaa’ummaa olaanaan hojjachuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.
Gama biraatiin sabboonummaan hooggansaa jechaan osoo hin taane gochaan madaalamuu akka qabu kaasuun, waggoottan darban kallattii akka mootummaa fi paartiin kaa’ame bu’uureffachuun fayyadamummaa uummata dhugoomsuuf karoorri xiiqii qabamee hojii hojjatamaa ture jijjiirama gaarii argamsiisuu Pireezidaanti Shimallis ibsaniiru.
Sirna cimaa ta’e sadarkaa hundatti qixa sirriin cimsuun hojiilee jajjaboon hojjatamuu himuun, hireen uummanni wareegama qaaliin argate qixa sirriin fayyadamuun akka duubatti hindeebinetti saffisa olaanaan xiiqiin hojjachuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.
Gamaggamni kunis faayidaa uummata giddugaleeffachuun hanqinaalee fi ciminoota hojii keessatti mul’atan adda baasuun kanneen harca’anii hafan irratti xiyyeeffachuun xiiqii olaanaan hojjachuun murteessaa ta’uus kaasuu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarra argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia