Finfinnee, Ebla 20, 2017 (FMC) – Feestivaala Ispoortii Poolisii Baha Afrikaa 5ffaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiruun Atileetoonni dubartootaa poolisii Itiyoophiyaa fiigicha meetira kuma 10 injifataniiru.
Atileetoonni dubartootaa Poolisii Itiyoophiyaa fageenyicha sadarkaa 1ffaa fi 3ffaa bahuun xumuraniiru.
Dorgommii dhiiroora gidduutti gaggeeffameen ammoo Atileetoonni Poolisii Itiyoophiyaa 3ffaa yoo bahan, Atileetoonni keeniyaa 1ffaa fi 2ffaa bahaniiru.
Dorgommii Meetira 400 fi 200’n Poolisiin Keeniyaa Koorniyaa lamaaninuu yoo injifatan, akkasuma Meetira kuma 1 fi 500 olaantummaan xumuraniiru.
Feestivaala Ispoortii Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti gaggeeffamaa jiru kanaan hanga ammaatti Poolisiin Keeniyaa Meedaaliyaawwan 13 argachuun dursaa yoo jiru, Poolisiin Itiyoophiyaa Meedaaliyaawwan 8 sadarkaa 2ffaa qabateera.
#Oromia #Ethiopia