Finfinnee fi naannawaa isheetti eeyyama malee Diroonii balaliisuun dhorkaadha – Tajaajilicha

Finfinnee, Amajjii 28, 2017 (FMC) – Finfinnee fi naannawaa isheetti eeyyamaan ala Diroonii kamiiyyuu balaliisuun dhorkaa ta’uu Tajaajilli Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa beeksise.

Eeyyama Tajaajilichaan ala Diroonii kaasuu fi balaliisuun daraan dhorkaa ta’uu himeera.

Yeroo dhiyoo as bal’inaan hojiirra oolaa kan dhufe Itti Fayyadamni Diroonii fi meeshaalee Teeknooloojii isaan walqabatan Sodaa nageenyaa uumuu malan qolachuuf humni namaa fi Teeknooloojii gahaan qophaa’uu eereera.

Keessattuu Yaa’ii Gamtaa Afrikaan walqabatee qindoomina cimsuun murteessaa ta’uu isaan eeyyama tajaajilichaan ala Finfinnee fi naannawaa isheetti akaakuu Diroonii kamiiyyuu kaasuu fi balaliisuun dhorkaa ta’uu hubachiiseera.

Sababa hojiin Diroonii fayyadamuun barbaachisaa ta’ee yoo argame kaayyoo balallii, bakka balallii, Gosa Diroonii fi Lakkoofsa Moodeelii Diroonii caqasuun dursa eeyyama argachuun dirqama ta’uu beeksiseera.

Kanaan ala Finfinnee fi naannawaa isheetti Dirooniiwwan akka feeteen ka’uun balali’an yoo jiraataan tajaajilichi tarkaanffii barbaachisaa ta’e kan fudhatu ta’uu hubachiiseera.

Qaamni hojiin walqabatee Diroonii fayyadamuu barbaadu kamiiyyuu karaa lakkoofsawwan bilbilaa +251 983 00 02 98 fi +251 983 00 04 01 bilbiluun odeeffannoo barbaachisu argachuu akka danda’u himeera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment