Finfinneetti hanqinni dhiyeessii oomishaalee akka hin mudanneef qindominaan hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Ebla 6, 2017(FMC) – Ayyaana Hiikaa sababeeffachuun hanqinni dhiyeessii oomishaalee akka hin mudanneef qindominaan hojjetamaa jiraachuu Kantibaa Itti aanaa fi Ittigaafatamaan Biiroo Misooma Indaastirii Magaalaa Finfinnee Jaanxiraar Abbaay ibsan.
Humni waloo Ittisa Seer-maleessummaa fi Qaala’iinsa jireenyaa magaalaa Finfinnee dhiyeessii oomishaalee ayyaana Hiikaa qorateera.

Obbo Jaanxiraar Abbaay wayituma kana akka jedhanitti ayyaana Hiikaarratti sirni gabaa haqa qabeessi fi tasgabbaa’aa ta’e akka jiraatuuf akkaataa barbaachisuun qophaa’amaa jira.

Oomishaaleen kuduraa fi muduraa, bu’aaleen indaastirii, qonnaa fi hooriin dhaabbii haala ga’aa ta’een qophaa’uu ibsaniiru.

Oomishaaleen kunniin sirnaan uummata akka qaqqabaniif qophii irraa eegalee giddugalaa hanga aanaatti deeggersii fi to’annoon barbaachisu taasifamaa jiraachuus dubbataniiru.

Hojiiwwan dhiyeessii oomishaalee, gatii gabaa toa’chuu fi bakka gurgurataa babal’isuus raawwatamaa jiraachuu himaniiru.

Daballii gatii killee irratti mul’atu furuufis hatattamaan akka qoratamu akeekkachiisaniiru.

Gabaan ayyaanaa kun tasgabaa’aa fi haqa qabeessa akka ta’uuf hunduu abbummaan ga’ee isaa akka bahu gaafachuu isaanii ragaan Kominikeeshinii magaalichaa irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment