Finfinneetti jijjiirama biyyaalessaa waggaa 7ffaa sababeeffachuun sochiin Ispoortii gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 20, 2017 (FMC) –Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti jijjiirama biyyaalessaa waggaa 7ffaa sababeeffachuun sochiin Ispoortii kutaalee hawaasaa hirmaachiisee Giddugala Konveeshinii Afrikaatti gaggeeffameera.

Sagantichi mata duree “Kaleessi, Har’ii fi Boruu Guddina Itiyoophiyaaf “jedhuun gaggeeffameera.

Saganticharratti Kantiibaa itti aanaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee obbo Zhaanxiraar Abbay dabalatee qondaaltonni olaanoon magaalichaa biroon argamaniiru.

Waggoottan torban darban dameelee diingadee, hawaasummaa fi Siyaasaan bu’aan gaariin galmaa’uu obbo Zhaanxiraar himuu ragaan Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Magaalichaarra argame ni mul’sa.

Comments (0)
Add Comment