Finfinnee, Bitootessa 29, 2017 (FMC) – Fooyya’iinsi fayyadamummaa qonnaan bulaa guddisuuf taasifame bu’aa argamsiisaa jiraachuu Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa guyyaa har’aa Tiraakterota kuma 1fi 402 qonnaan bultootaafi Waldaalee IMX’f dabarseera.
Obbo Shimallis Abdiisaan haasawaa sagaticharratti taasisaniin, naannichatti qonnaan bulaa fayyadamaa taasisuuf hojiileen fooyya’iinsaa bu’aa qabeessi hojjetamaa turuu yaadachiisan.
Hojimaatilee Kanaan dura qonnaan bulaatti danqaa ta’an fooyyessuun damee qonnaan guddinni galmaa’aa jiraachuu eeraniiru.
Akka fakkeenyaatti Kanaan dura tiraakteeronniifi meeshaaleen qonnaa biroon alaa wayita galan taariifni guddaan kan irra kaa’amu ta’uu eeranii, yeroo ammaa meeshaalee qonnaa taaksiirraa bilisa galchuun qonnaan bulaa biraan gahamaa akka jiru ibsaniiru.
Qonnaan bultoonnis meeshaalee qonnaa liqaan akka argataniif carraan uumamuu dubbataniiru.
#Oromia #Ethiopia