Finfinnee, Amajjii 26, 2017 (FMC)-Gaaffii karra Galaanaa Itiyoophiyaa cimsuuf Yaa’iin Gamtaa Afrikaa carraa gaarii ta’uu hayyoonni akeekan.
Hayyoonni turtii Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin waliin taasisan akka jedhanitti, yaa’ichi carraa gaarii fidu fayyadamuun faayidaa Biyyaalessa Itiyoophiyaa kabachiisuun barbaachisaadha.
Ajandaalee ijoo gamtichaatti dabalataan Itiyoophiyaan Karra Galaanaa argachuu fi fedhii waloon misoomuu fi haqa qabeessaa, ajandaa taasifachuun akka barbaachisu Barsiisaan Saayinsii Siyaasaa fiHariiroo Idil Addunyaa Yuunivarsiitii Waachaamoo Mulu’aalam Haayilamaariyaam himaniiru.
Yuunivarsistii Jimmaatti Barsiisaan Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Idil Addunyaa Darajjee Fiqireen gama isaaniin, sochii fi fedhii karra galaanaa argachuu Itiyoophiyaa cimsuuf yaa’iin gamtichaa carraa gaarii ta’uu hubachiisaniiru.
Waloon guddachuu duudhaa gamtichaa ta’uu yaadachiisanii, imala Karra Galaanaa argachuu Itiyoophiyaa, dhimma Ajandaa Afrikaa taasisuun akka barbaachisu ibsaniiru.
Dhimmoota Biyyootaa Afrikaa garaagaraa akka xiinxalaniif dippiloomaasii damee hedduu hordofuu fi mariiwwan cinaa taasisuun akka barbaachisu hayyoonni kunneen hubachiisaniiru.
Warqaafarraa Yaalawutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia