Finfinnee, Guraandhala 25, 2017 (FMC) – Gaaffiwwan nageenyaa, misoomaafi bulchiinsa gaarii deebisuurratti jijjiiramni galmaa’uu Paartiin Badhaadhinaa ibse.
Dameen Gurmaa’iinsaa Waajjira Muummee paartichaa Damee Gurmaa’iinsaa Waajjiraalee waliin ta’uun mata duree “ Gurmaa’iinsa Cimaafi Bu’aa Qabeessa Milkaa’ina Mul’ata Keenyaaf” jedhuun raawwii baatiiwwan ja’an darbanii gamaaggameera.
Sadarkaa Ministiraatti Itti Gaafatamaan Damee Gurmaa’iinsaa Waajjira Olaanaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Fiqaaduu Tasammaan, gama gaaffiiwwan nageenyaa, misoomaa fi bulchiinsa gaarii deebisuun jijjiiramni galmaa’aa jiraachuu eeraniiru.