Finfinnee, Guraandhala 10, 2017 (FMC) – Godina Guraagee Aanaa Muhiiritti Gaammee umrii waggaa 14 Baajaajii Humna Elektiraa fi Ifa Aduu hojjettu kalaqe.
Barataa Kutaa 8ffaa kan ta’e Abduulhaafiiz Tsaggaayeen jiraataa Godina Guraagee Aanaa Mahiiriti.
Barataa Abduulhaafiiz Tsaggaayeen hanga ammaatti kalaqawwan adda addaa 5 kalaquu ibsameera.
Kalaqawwan kanneen keessaa Konkolaataan abbaan miila 3 Humna Elektiraa fi Ifa Aduun hojjettu ishee tokko ta’uu ibsame.
Elektirikaa fi Konkolaataa kalaquun daraan kan isa gammachiisu ta’uu barataa Abduulhaafiiz Tsaggaayeen himeera.
Abduulhaafiiz Tsaggaayeen gara hojii Kalaqaa kanaatti akka galu kan isa kakaase rakkoolee naannawaa isaa jiran yoo ta’uu, keessattuu Haadholiin gara dhaabbilee Fayyaa deemuuf bu’aa bahii isaan muudatu arguun rakkichaaf furmaata kennuuf konkolaataa kana kalaquu dubbata.
Gaammeen kun hojiilee kalaqe keessaa Konkolaataan miila 3 yookaa Baajaajii Humna Elektirikaa fi Ifa Aduun socho’u,ISUZI giddugaleessaa fi meeshaaleen Ibiddda itti qabsiisaan isaan tokko ta’uutu ibsame.
Barataan kun hojii kalaqa isaan sadarkaa Aanaa fi Godinaatti dorgomuun badhaafameera jedhame.
Hojiin Kalaqaa kun gabaaf akka dhiyaatuu fi hawaasa fayyadamoo akka taasiisu galteewwan barbaachisu deeggarsi akka taasiifamuuf abbaan Kalaqaa kun gaafateera.
#Oromia #Ethiopia