Finfinnee, Amajjii 10, 2017 (FMC) – Gaazaatti waliigalteen dhukaasa dhaabuu boruu ganama sa’aatii 2:30 irraa eegalee hojiitti hiikamuu ka jalqabu ta’uu gabaafameera.
Kaabineen Mootummaa Israa’eel waliigaltee dhukaasa dhaabuu Hamaas waliin taasifame raggaasisuu hordofee waliigaltichi boru hojiitti hiikamuu jalqaba.
Walwaraansa guyyoota 460 booda Kaabineen Mootummaa Israa’eel waligaltee tibbana taasifame raggaasisuu BBCn gabaaseera.
Kaabineen Nageenyaa kaleessa dhimmicharratti erga mari’atee booda yaada murtoo Kaabinee biyyattiif qajeelchuun kan yaadatamuudha.
Waraanni Israa’elii fi Hamaas gidduutti gaggeeffamaa ture lubbuu Lammiilee Fiilisxeem kuma 46 fi 788 galaafateera.
Lammiilee kuma 100 fi kuma 10 fi 453 ammoo miidhaa qaamaaf saaxileera.
#Oromiyaa #Ethiopia