Galmi Aadaa Kubii Curraan bakka dhaloonni aadaa isaa itti jabeeffatuudha jedhame

Finfinnee, Guraandhala 25, 2017 (FMC) – Sadarkaan ijaarsi Galma Aadaa Kubii Curraan irraa jiru daawwatameera.

Galmi Aadaa Kubii Curraa Magaalaa Yaaballootti ijaaramaa kan jiru yoo ta’u, Hoggantoota olaanoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Godinaafi kutaalee hawaasa garaagaraan daawwatameera.
Bulchaan Godina Booranaa Obbo Abdusalaam Waariyoon baga jalbultii baallii Gadaa Booranaa marsaa 72ffaan isin gahe jechuun, galmi Kubii Curraa 2014 ijaarsi isaa jalqabuu ibsaniiru.

Galii gurgurtaa kitaabaa Idaa’amuu irraa argamuun akka ijaaramuuf Giiftii Duree Zinnaash Taayyachoon dhagaan bu’uura kaa’amuu eeraniiru.

Galmi Aadaa Kubii Curraan bakka dhaloonni aadaa isaa itti jabeessuufi hawwata Tuuriziimii dabaluuf qooda olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

Kuululaa Garbichaatu gabaase.

#Oromia #Ityoophiyaa

Comments (0)
Add Comment