Galmoota Badhaadhinaa milkeessuuf dhaabbileen cimanii hojjechuu qabu- Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Ebla 6, 2017 (FMC) – Galmoota Badhaadhinaafi karoorawwan waggaa milkeessuuf dhaabbileen cimanii hojjechuu akka qaban Ministira Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan hubachiisan.

Gamaaggamni raawwii karoora baatiiwwan 9 darbanii diinagdee gooroofi sekteraalee hoggantoota olaanoo dhaabbilee federaalaa waliin eegalamuu ibsaniiru.

Gamaaggama Kanaan hojiilee xiyyeeffannoo guyyoota 100, bu’aalee argaman, hanqinoota mudataniifi kallattiiwwan xiyyeeffannoo irratti hoggantoota dhaabbilee waliin kan mari’atamuu ta’uu eeraniiru.

Baatiiwwan 9 darban diinagdee gooroo fi hojiirra oolmaa riifoormiin dameelee garaagaraa keessatti milkaa’inni hedduun galmaa’uu kaasaniiru.

Raawwiin dameelee olaanaa ta’uu eeranii, milkaa’inoonni kunneen dandeettii raawwachiisummaa mootummaa kan agarsiisan ta’uu miidiyaa hawaasummaa isaaniin himaniiru.

Baatiiwwan hafanitti hojiilee raawwatamuu qaban adda baasuun galmoota bara baajatichaatti milkeessuuf qabaman haala guutuu ta’een raawwachuuf hundi xiyyeeffannoon hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment