Galmoota Gamtaa Afrikaa milkeessuuf murtoowwan siyaasaa barbaachisa-Pireezidaanti Taayyee

Finfinnee, Amajjii 19, 2017 (FMC)- Galmoota Gamtaa Afrikaa milkeessuuf kutannoo siyaasaa waloo akka barbaachisu Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen ibsan.

Pireezidaanti Taayyeen Walga’ii Haaromsa Dhaabbatummaa Gamtaa Afrikaa Keeniyaa Naayiroobiitti, gaggeeffamaa jirurratti haasawaa taasisaniin, gamtichi hanga ammaatti hojiilee haaromsa dhaabbataa hojjete dinqisiifataniiru.

Qabeenya Ardichaa gama fayyadamuutiin yeroo ammaa qormaatileen xiyyeeffannaa olaanaa barbaadan akka jiran kaasaniiru.

Gamtichi bu’uura cimaarra dhaabbachuu kan danda’u, baajataa sagantaalee isaa %75’f ramaduu fi %25 ammoo dhimmoota nageenyaa ittiin raawwachiisuuf galmoota qabaman milkeessuu yoo danda’eedha jedhaniiru.

Dhiyeenya kan haaromsame Masaraan Mootummaa Biyyaalessaa xiyyeeffannaa, carraaqqii fi mul’ata Afrikaanonni duraan turan Gamtaa Afrikaa Hundeessuuf kennan kan yaadachiisu ta’uu ibsaniiru.

Hojiilee haaromsaa dhaabbilee gamtichaaf beekkamtiin kennamuu akka qabu himanii, gamtichaa karaa guutuu ta’een ijaaruuf hojiileen hafan hedduun akka jiran akkeekaniiru.

Hirmaachisummaa, birmadummaa faayinaansii, ajandaalee gamtichaaf dursa kennuu fi qindeessuu, aadaa mari’achuu cimsuu akkasumas adeemsa karoora gamtichaa fi walitti hidhamiinsa jiru sadarkaa Idil Addunyaatti guddisuun akka barbaachisu eeraniiru.

Murtoo Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii 27-19-2023 bu’uureffachuun ergama nagaa kabachiisuu gamtichaa raawwachiisuuf kan oolu deeggarsaa faayinaasii waaraa fi tilmaamamaa gama argachuun hojiilee hojjetamanis dinqisiifataniiru.

Kanaafis Daayrektoreetii of danda’aa deeggarsa nageenyaa raawwachiisu akka barbaachisu kan ibsan Pireezidaanti Taayyeen, caasicha ariitiiin diriirsuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Bu’aa qabeessummaa ajandaalee haaromsa dhaabbatummaa Gamtaa Afrikaaf waltumsuun, qabatamaan bu’aa galmeessuuf tattaaffii cimaa fi qindoominni qaamolee dhimmichi ilaallatu barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Itiyoophiyaanis Ajandaa Haaromsa Dhaabbatummaa Gamtaa Afrikaaf guutummaatti akka deeggartu mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment