Finfinnee, Amajjii 29, 2017 (FMC)- Gamaaggamni raawwii hojii Paartii fi Mootummaa kurmaana 2ffaa Naannoo Oromiyaa Adaamaatti gaggeeffamaa ture xumuramuun ibsame.
Gamaaggama kanaan raawwiin hojiilee gurguddoo ji’oota jahan darbanii bal’inaan kan qoratameera.
Waltajjicharratti Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa fi Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraan kallattiin qophii karoora kurmaanaa 3ffaa fi hojiilee fuulduree akeekuun gamaaggamni gaggeefamaa ture xumuramuu ragaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia