Gamtaan Awurooppaa hojiilee jijjiirramaa Ityoophiyaa deeggaruu kan itti fufu ta’uu beeksiise

Finfinnee, Bitootessa 3, 2013 (FBC) – Gamtaan Awurooppaa hojiilee jijjiirramaa Ityoophiyaa deeggaruu kan itti fufu ta’uu beeksiiseera.
Haala waqtaawaa Ityoophiyaa addunyaatti beeksiisuuf guyyaa kaleessaa Waajjira Gamtaa Awurooppaa Beeljiyeem Braasalsitti argamu fuulduratti hariirri gaggeeffameera.
Gamtaa Awurooppaatti daayreektarri tumsa idil addunyaa Afrikaa Bahaa fi giddugaleessaa hiriira deeggarsichaa ilaalchisee xaalayaa barreessaniiru.
Gamtaan Awurooppaa hojiilee jijjiirrama Ityoophiyaan hojjechaa jirtu deeggaruu kan itti fufu ta’uu beeksiisuun, Ityoophiyaan biyyoota gamticha waliin harriiroo tarsiimoo waloo qaban muraasa keessaa ishee tokko ta’uu eeraniiru.
Gamtichi fedhii Ityoophiyaa kan hubata ta’uun ibsuun, deeggarsa Ityoophiyaaf taasiisuu cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneesseera.
Rakkoon namoomaa naannoo Tigraay keessa jiru kan isa yaaddeesse ta’uu eeruun, naannichaatti seeroonni godaantoota idila addunyaa fi mirgi namoomaa akka kabajamu waamicha dhiyeeseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment