Gamtichi haaromsa damee ittisaa irratti taasifamaa jiru akka deeggaru mirkaneesse

Finfinnee, Amajjii 17, 2017 (FMC) – Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa Injinar Ayishaa Mohaammad Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Gamtaa Awurooppaa Soofii Firoom waliin mari’ataniiru.

Injinar Ayishaan, tattaaffii fi milkaa’inoota Itiyoophiyaan gama nageenyaa fi dhaabbilee nageenyaatiin galmeessaa jirtu ibsaniiru.

Keessattuu, gama haaromsa raayyaa ittisaan, hariiroo Itiyoophiyaan biyyoota ollaa waliin qabduu fi nagaa eegsisuu keessatti gahee isheen qabdu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan tumsa Gamtaa Awurooppaa waliin qabdu cimsuuf kutannoo akka qabdu ibsuu isaanii fuulli miidiyaa hawaasaa Raayyaa Ittisa Biyyaa ni agarsiisa.

Ambaasaaddar Soofii Firoom gama isaaniin Itiyoophiyaan muuxannoo yeroo dheeraa fi ergama nagaa eegsisuu irratti maqaa gaarii qabduun kan dinqisiifamtu ta’uu himaniiru.

Walitti dhufeenya fi michummaa biyyoota ollaa waliin qabdu cimsuuf tarkaanfilee biyyattiin fudhachaa jirtu Gamtichi ni dinqisiifatas jedhan.

Haaromsa damee ittisaa irratti gaggeeffamaa jiru deeggaruufi gargaaruuf qophii ta’uus mirkaneessaniiru.

#Oromiyaa #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment