Finfinnee, Guraandhala1, 2017 (FMC) – Garee deebii saffisaa Poolisii Federaalaa dorgommii ‘SWAT’ irratti hirmaachuun qabxii gaarii galmeessuun deebi’eef Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti simannaan taasifameefira.
Komishinarri Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabiramikaa’el dorgommichi Gareen Deebii Saffisaa Itiyoophiyaa muuxannoo qabu akka qooduu fi biyyoota biroo irraa akka baratu qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Gareen kun Dorgommii deebii Saffisaa idil Addunyaa SWAT Dubaay bara Faranjotaa 2025 dorgomamerratti Oppireeshinii walxaxaa, Haleellaa, ergama Hoggansa VIP baraaruu, tabba olaanaa bahuu fi bu’uu akkasumas, Koorsii Gufachiisaan Itiyoophiyaa bakka bu’uun dorgomaa tureera.
Garichi Garee Eegumsa Biyyaalessaa Kuweet, Garee Toomiiriis Kaazaakiistaan, Poolisii Dubaay, Raak Poolisii ‘SWAT’, Garee Humna Addaa Emireetoota Araba Gamtoomanii caaluun qabxii fooyya’aan xumuruu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia