Gareen Daangootee Itiyoophiyaatti dameewwan investimentii biroorratti akka bobba’u beeksise

Finfinnee, Guraandhala 8, 2017 (FMC)- Gareen Investimentii Daangootee Itiyoophiyaatti dameewwan investimentii biroorratti akka bobba’u beeksise.

Dhaabbanni indaastirii Afrikaa adda dureen kun, Itiyoophiyaa investimentii Hooldingi waliin ta’uun ibsa kenneen Itiyoophiyaatti hojiilee babal’isaa hojjechaa jiraachu eereera.

Dura Taa’aa fi Hoji Raawwachiisaan Olaanaan Garee Daangootee Aliikoo Daangooteen, xiyyeeffannoo Itiyoophiyaan Abbootii qabeenyaaf kennite dinqisiifatanii, hojiilee investimentii Itiyoophiyaa keessatti hojjechaa jiranitti gammadoo ta’uu ibsan.

Dhaabbata isaanii itiyoophiyaa keessaatti babal’isuun fuuduratti indaastirii sukkaaraa, warshaa galteewwan qonnaa kanneen akka Yuuriyaa oomishuu irratti akka bobba’an ibsaniiru.

“Afrikaan kan misoomtu Afrikaanotaani” kan jedhan Aliikoo Daangooteen, hayyoonni siyaasaa Gamtaa Afrikaa jabeessuuf yeroo hojjechaa jiranitti dursitoonni daldalaa walitti hidhamiinsa daldalaa Afrikaa keessa jiru cimsuun tattaaffii jiru deggeruu qabna jechuun hubachiisaniiru.

Sammaahany Nigaatuutu gabaase.

#AU #Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment