Gareen hidhattootaa naannoo Amaaraatti argaman ajandaa isaanii komishinichaaf dhiyeessan – Piroofesar Masfin Ar’aayaa

Finfinnee, Ebla 8, 2017 (FMC) – Gareen hidhattoota naannoo Amaaraatti argaman ajandaa isaanii Komishinii Maree Biyyaalessaaf dhiyeessuu Komishinarri Olaanaan Komishinichaa Piroofesar Masfin Ar’aayaan ibsan.

Eenyummaan garee ajandaa dhiyeessee kan ibsamu eeyyama isaaniin qofaan ta’uu eeraniiru.

Ajandaan dhiyeessan akkuma kaanii walqixaan akka keessummeeffamu gaafachuu eeraniiru.

Gareen hidhattootaa ammas karaa bakka bu’oota isaaniin ajandaa dhiyeeffachuu kan danda’an ta’uu fi komishinichis ajandaa simachuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

Amalawarq Makuwaanintu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment