Finfinnee, Bitootessa 20, 2017 (FMC) – Giddugalli Haaromsaa fi Dagaagina Ogummaa Dubartoota Egeree leenjitoota ogummaalee 17’n leenjisaa ture marsaa 2ffaaf eebbisiseera.
Kantiibaa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee dabalatee hoggantoonni olaanoon biroo saganticharratti argamaniiru.
Leenjitoota leenjii fudhataa turan 380 keessaa % 93 qormaata madaallii mirkaneessa ga’umsa ogummaa kan darban ta’uun eerameera.
Giddugalichi marsaa 3ffaaf leenjitoota kuma 1 ol simachuuf qophiirra jiraachuu Daayrektarri Giddugala Haaromsaa fi Dagaagina Ogummaa Dubartoota Egeree Dooktar Hirphaa Caalaan himaniiru.
Qiddisti Birhaanutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia