Giddugalli Leenjii Gulantaa Olaanaa Addaa Xollaay leenjitoota eebbisiise

Finfinnee, Bitootessa 28, 2017 (FMC) – Manni Barumsa Giddugala Leenjii Gulantaa Olaanaa Addaa Xollaay leenjitoota leenjii loltummaa fudhatan marsaa 10ffaa fi Gulantaa Olaanaa Addaa marsaa 27ffaaf eebbisiiseera.

Leenjitoonni kunneen Itiyoophitaaf waardiyaa dhaabbachuuf gahuu isaanii kabajni itti dhagahuu akka qabu Ajajaa Olaanaan Mana barumsichaa Birgaader Jeneraal Xuumsiidoo Fitaamoon ibsaniiru.

Eebbifamtoonni ogummaa fi saayinsii loltummaa yeroo madaalu argachuu eeruun, aggaammii biyyarratti aggaamamu kamiiyyuu qolachuuf qophii ta’uu isaanii dubbataniiru.

Kibruuwasan Nuuruutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment