Finfinnee, Guraandhala 1, 2017 (FMC) – Naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaatti Giddugalli Tajaajila Galteewwan qonna qindaa’aa fi Maakaanaayzeeninii Birrii miiliyoona 700 fi miiliyoona 41 oliin ijaarame eebbbifameera.
Giddugalli Magaalaa Boongaatti ijaarame kun bakka Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amantee fi Pireezidaantiin naannichaa Dooktar Injinar Nagaash Wageeshoon argamanitti eebbifamuu ragaan Kominikeeshinii naannicharraa argame ni mul’isa.
Giddugalichi Maashina ammayyaa Sanyii qulqulleessu, Mankuusaa Galteewwan Qonnaa, Meeshaalee qonnaa, Teeknooloojii ammayyaa fi Laabraatoorii Sanyii to’atu kan of keessatti hamate ta’uu ibsameera.
Naannoo Kibba Lixaa, Oromiyaa fi Gaambeellaaf tajaajilawwan addaa addaa kan kennu ta’uu eerameera.