Finfinnee, Amajjii 13, 2017 (FMC) – Godina Qeellam Wallaggaatti Baatiwwan jahan darban keessa Bunni Tooniin kumni 100 fi Kumni 75 oomishamuu ibsameera.
Godinichatti lafti hektaarri kumni 400 fi kumni 60 ol misooma Bunaan uwwifamee jiraachuu himameera.
Baatiwwan Jahaan darban keessaa Buna Toonii kuma 100 fi kuma 86 oomishuuf karoorfamee toonii Kuma 100 fi kuma 75 oomishuun danda’amuu eerameera.
Hanga ammaattis bunni tooniin kumni 11fi 900 ol gabaaf dhiyaachuu ibsameera.
Buna toonii kuma 20 ammoo gabaa alaaf dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.