Godina Shawaa Bahaatti manneen barnootaa idileen duraa 600 ol hirmaannaa ummataan ijaaraman

Finfinnee, Bitootessa 17, 2017(FMC) – Godina Shawaa Bahaatti manneen barnootaa idileen duraa 600 ol hirmaannaa ummataan ijaaramanii tajaajilaaf qophaa’uu Waajjirri Barnootaa Godinichaa beeksise.

Hirmaannaa ummataatiin manneen barnootaa idileen duraa qulqullina qaban aanaalee 11 keessatti Birrii biiliyoona 2.3 ijaaramanii tajaajilaaf qophaa’uu isaanii Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa godinichaa Obbo Girmaa Lammaan ibsaniiru.

Waggoota shanan darbanitti manneen barnootaa 600 ol ijaaramanii barattoota simatanii barsiisaa jiraachuu eeraniiru.

Yeroo ammaa barattoonni sadarkaa tokkoffaa duraa kumni 52fi 590 ta’an barnoota isaanii hordofaa akka jiran himaniiru.

Gama biraatiin waggoota shanan darbanitti manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa Godinichaa keessatti daree barnootaa dabalataa kuma 1 fi193 fi manneen jireenyaa barsiisotaa 921 ijaaramuu TOI gabaaseera.

Dhalootaaf manneen barnootaa caalaatti mijataa fi hawwataa taasisuuf hojiin eegalame bu’aa jajjabeessaa galmeessaa jiraachuu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment