Finfinnee, Bitootessa 28, 2017 (FMC) – Godina Arsiitti lafa jallisii boneen misoome hektaara kuma 300 oliirra hanga ammaatti callaa kuntaalli miiliyoonni 3 ol sassaabamuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise.
Bulchaan godina Arsii obbo Ibraahim Kadiir, badhaadhinaa maatii mirkaneessuufi omishni qamadii jallisii boneetiin qotamerraa argamaa jiru agarsiiftuu guddaadhaa jedhan.
Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa godina Arsii obbo Gannaa Mahaammad godinichatti jallisii boneetiin lafti hektaara kuma 300 ol faacafamuun misoomaa turuu himanii, hanga ammaatti lafa hektaara kuma 81 irraa callaan kuntaalli miiliyoonni 3 ol sassaabamuu himaniiru.
Godina Arsii aanaa Doddotaatti qamadiin jallisii boneetiin facaafamee misoomaa ture sassaabamaa jira.
Bulchaa ittaanaafi ittigaafatamaan Waajjira Qonnaa,Lafaafi Horsiisee bulaa aanaa Doddotaa obbo Jamaal Nuuraa aanichatti jallisii boneetiin lafa hektaara kuma 17 qamadii facaafamee misoomaa jirurraa oomishni kuntaalli kumni 500 ol kan eegamu ta’uus ibsaniiru.
Abdallaa Amaantu gabaase.
#Oromia #Ethiopia