Guddachuun magaalotaa jireenya ummaataa fooyyeessa – Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee

Finfinnee, Ebla 21, 2017 (FMC) – Guddachuun magaalotaa jireenya ummaataa kan fooyyeessu ta’uu Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaasee ibsaniiru.

Magaalaa Goondariif sagantaan galii walitti qabuu magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.

Pireezidaantii FDRI Taayyee Atsiqasillaasee dabalatee hoggantoonni mootummaa Federaalaa fi Pireezidaantoonni naannolee saganticharratti argamaniiru.

Guddachuun magaalotaa jireenya ummaataa fooyyeessaa yaada babal’isaa, qaroominaa dabaluun guddina ariifachiisa jedhan Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen saganticharratti ergaa dabarsaniin.

Filannoon magaalootaa guddina ta’uu hojiileen hojjetamaa jiran agarsiiftuu ta’uu kaasaniiru.

Filannoon Goondaris isuma kana jedhan.

Pireezidaanti Taayyeen qaamolee sagantaan galii walitti qabuu kun akka milkaa’u gumaachan galateeffataniiru.

Sagantichaan Birriin biiliyoonni 2.2 ol walitti qabamuun eerameera.

Sagantaan galii walitti qabuu kun hanga Caamsaa 30, 2017tti kan itti fufu ta’uunis ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment