Guraandhala 14 irraa eegalee talaalliin Pooliyoo ni kennama-Ministeera Fayyaa

Finfinnee, Guraandhala 11, 2017 (FMC)- Guraandhala 14, 2017 irraa eegalee duulli talaallii ittisa Dhibee Pooliyoo sadarkaa biyyaalessaatti akka kennamu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Ministeerichi duulaa geggeeffamuuf jiru ilaalchisee ogeeyyii miidiyaaf waltajjii hubannoo uumuu gggeesseera.

Ministeerra Fayyaatti Ogeessi Sagantaa Talaallii Obbo Masfiin Kaasayee akka jedhanitti, Guraandhala 14, 2017 irraa eegalee guyyoota afuriif duulli talaallii Pooliyoo ni gaggeeffama.

Marsaa jalqabaan naannolee 10 keessatti daa’imman miiliyoona 14 ta’an talaaluuf karoorfamuu himanii, marsaan 1ffaan erga xumuramee baatii tokko booda duulli marsaa 2ffaa naannolee hafan keessatti akka itti fufu ibsaniiru.

Talaallichi manaa-manatti, manneen barnootaa, oolmaa daa’immanii fi dhaabbilee fayyaa keessatti akka kennamu eeraniiru.

Duullichi talaallii kennami qaqqabamaa taasisuuf miidiyaaleen dirqama ogummaasaanii akka bahan waamicha dhiyeessuu TOI gabaaseera.

Dhukkubni Pooliyoo daa’imman waggaa 5 gadii irratti babal’achaa waan jiruuf talaalliin kun yeroo yeroon kan kennamu ta’uu ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment