Guyyaan Ispoortiin misoomaa fi nageenyaa biyyaalessaa magaalaa Dambi Doollootti kabajamaa jira

Finfinnee, Ebla 7, 2017 (FMC) – Guyyaan Ispoortiin misoomaa fi nageenyaa 5ffaan sadarkaa biyyaalessaatti naannoo Oromiyaa magaalaa Dambi Doollootti kabajamaa jira.

Ispoortiin misoomaa fi nageenyaaf mata duree jedhuun sochiin qaamaa Godina qeellam Wallaggaa Magaalaa Dambi Doollootti gaggeefamaa kan jiru yoo ta’u, har’a sosochiin qaamaa gaggeeffameera.

Ministir Deetaa Ministeera Aadaa fi Ispoortii obbo Makiyuu Mahaammad, Hogganaa itti aanaa Biiroo Dargaggoof Ispoortii Oromiyaa Dassaalenyi Xilahuun, Pireezidaantii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa obbo Isaayyaas Jiraa dabalatee hoggantoonni mootummaa Federaalaa fi naannolee maricharratti argamuu ragaan kominikeeshinii Magaalaa Dambi Doolloorraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment