Guyyoottan kurnan itti aanaan haalli qilleensaa uumamuu roobaaf sababa ta’u cimee itti fufa

Finfinnee, Ebla 2, 2017 (FMC) – Guyyoottan kurnan itti aanaan haalli qilleensaa uumamuu roobaaf sababa ta’u cimee kan itti fufu ta’uu Inistiityuutiin Raaga Haala Qilleensaa Itiyoophiyaa beeksiise.

Keessattuu naannawwaa Rooba Waqtii Arfaasaa argatanitti qilleensi jiidhaan uumamuu roobaaf sababa ta’u cimee kan itti fufu ta’uu beeksiseera.

Haaluma kanaan kutaaleen Kibba Lixaa, Kibbaa, Giddugaleessaa fi Bahaa, akkasumas naannawaan Sulula Qiinxamaatti caalmaatti cimee kan itti fufu akka ta’e ibseera.

Iddooleen hedduun Rooba salphaa hanga giddugaleessatti akka argatan tilmaameera.

Dabalataan kutaaleen Kibba Lixaa, Kibbii fi Kaabni Lixaa Rooba hammaan olaanaa ta’e argachuu malu jedheera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment