Finfinnee, Ebla 14, 2017(FMC) – Haleellaa xiyyaaraa Ameerikaan finciltoota Huutii Yaman keessa socho’an irratti raawwateen, ajajoota dabalatee loltoonni 500 ol ajjeeffamuun isaanii gabaafameera.
Al Arabiyaan Giddugala Odeeffannoo Sanaa wabeeffachuun akka gabaasetti, Humni Qilleensaa Ameerikaa torban hedduudhaaf haleellaa bal’aa iddoo finciltootaa irratti raawwachaa ture.
Haleellaa kanaan wiirtuuleen ajajaa fi to’annoo finciltootaa, kaampiin leenjii, kuusaan meeshaa waraanaa, bakkeewwan qunnamtii fi bu’uuraaleen waraanaa biroon xiyyeeffatamuun isaanii gabaafameera.
Haleellaan kun bu’uuraalee misoomaa barbadeessuu bira darbee miseensota garee finciltootaa fi ajajoota waraanaa olaanoo 500 ol ajjeesuun gabaafameera.
Ministirri Odeeffannoo Yaman Mo`ammar Al-Eri’anii akka jedhanitti, haleellaan humna galaanaa finciltootaas ta’e haleellaan qilleensaa Ameerikaan Sanaa irratti raawwatte mootummaa Yaman irratti kan xiyyeeffate miti.
Ministeerichi haleellaan finciltoonni Iraaniin deeggaramu jedhaman kanneen irraatti raawwatame lola sirna addunyaa ol’aantummaa naannoof taasifamu ta’uu ibsaniiru.
Itti dabaluunis waldhabdee fi haleellaa haaloo bahuu Ameerikaa fi finciltoota gidduutti uumameen naannichatti muddamni uumameera jedhan.
Tarkaanfiin Ameerikaa kun dandeettii waraanaa finciltootaa akka laaffisu ibsamee jira.
Doonaaldi Tiraampi finciltoota kana irratti duulli akka banamu Ajaja Giddugaleessaa Waraana Ameerikaa Baha Giddu Galeessaa jiru erga ajajanii asi haleellaa kanaan dandeettiin ittisa garee kanaa haalaan laafaa dhufeera.
Kunis haleellaan Galaana Diimaa fi Baabel-Mandab keessatti raawwatamu akka hir’atu taasiseera jechuun Al Arabiya News gabaaseera.
Miikiyaas Ayyalaatu gabaase.