Finfinnee, Bitootessa 29, 2017 (FMC) – Dooniin Xaa’oo Biyyoo Daappii jedhamu Toonii kuma 55 feete Jibuutii gahuu Abbaan Taayitaa Maariitaayimii Itiyoophiyaa beeksise.
Xaa’oon kun Jibuutiitti bu’aa jiraachuun eerameera.
Bara oomishaa 2017/18tiif Xaa’oo kuntaala miiliyoona 24 galchuuf karoorfamee hanga Bitootessa 28, 2017tti Kuntaalli miiliyoonni 10.7 Buufata Jibuutii qaqqabuu ibsameera.
Kana keessaa kuntaalli miiliyoonni 9.6 gara biyya keessatti geejjibsiifamuu ragaan Abbaa taayiticharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia