Finfinnee, Ebla 18, 2017 (FMC) – Hangafti Phaaphaasotaa Mana Amantaa Kiristaanaa Kaatoolikii Roomaa Firaansiis uummata addunyaa gaarummaan tajaajilaniiru jedhan Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen.
Sirni kadhannaafi ibsannaa gaddaa Hangafa Phaaphaasotaa Firaansi, Mana Amantaa Kaatoolikii Kaatederaalaa Lidataa Maariyaamitti gaggeeffameera.
Sirnicharratti Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee dabalatee Barreessaa Olaanaa Yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa Lubni Taagaay Taaddalaafi abbootiin amantaa garaagaraa akkasumas hordoftoonni amantichaa argamaniiru.
Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen du’aan boqochuu Hangafa Phaaphaasotaa Firaansisiin gadda isaanitti dhagahame ibsuun, biyyoota nagaa dhabaniif dursanii qaqqabaa akka turan yaadachiisaniiru.
Du’aan boqochuu isaaniitiin addunyaan nama guddaa dhabuu kaasaniiru.
Lubni Taagaay Taaddalaan gamasaaniin, warreen rakkatan gargaaruufi nagaaf kadhachuu seenaa Hangafa Phaaphaasotaa Firaansiis irraa barachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Sirni awwaalcha Hangafa Phaaphaasotaa Firaansiis guyyaa har’aa Mana Amantaa kiristaanaa Saantaa Maariyaa Maajooree magaalaa Roomitti argamutti raawwatameera.